ONM-ABO Fulbaana 8, 2025
Shiftoonni murna Bilxiginnaa dantaa isaanii qofaaf jireenya lammiilee nagaa mancaasaa oolan uummata Oromoo guutuu Oromiyaa keessa jiru hiraarsuu jabeessuun, Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti namoota nagaa hidhuu fi saamicha horii uummataa irratti raawwatanii jiraachuun ibsame.
Akkaatuma kanaan Fulbaana 5, 2025 aanaa Mana Sibuu ganda Obboraa Qilxuu jedhamu keessaa nama maqaan isaa:
- Daani’eel Jaal’ataa jedhamu jalaa loowwan lama kan ooffatan oggaa ta’u, obboleessa isaa
- Shaafii Jaallataa
jedhamu ammoo badii tokko malee reebanii mana hidhaatti darbachuun gandichuma keessattis nama maqaan isaa:
- Gandaatii Badhaasaa jedhamu mana isaa seenuun qarshii afooshaa 80,000 saamanii
jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Onichuma ganda Kaarraa Dhaqee jedhamu keessatti ammoo Obbo Kumarraa Bantii nama jedhamu kan torban darbe ajjeesan Fulbaana 6, 2025 mana isaa dhaquun loowwan lama jalaa saamanii jiraachuun kan himamu oggaa ta’u, gocha farra namoomaa kana uummata irratti geggeessaa kan jiran waraana murnichaa raayyaa ittisa impaayerattii akka ta’es addeeffameera.


