• Tue. Jan 13th, 2026

Magaalaa Finfinnee keessatti poolisiin federaalaa fi qaamoleen nageenyaa biroon maqaa walgahii Afrikaa fi simannaa bara haaraa jedhuun uummata goolaa jiraachuun barame

Sep 8, 2025

ONM-ABO Fulbaana 8, 2025 

Murni impaayerattiin nagaa waaraa qabdi, kan nagaa hin qabne warra nagaan hin jiru jedhanii sammuu isaanii keessatti yaadan qofadha jechuun paarlaamaan osoo hin hafin irratti kan dubbate Bilxiginnaan, gidduu kana ammoo maqaa waltajjii Afrikaa, eebba hidha laga Abbayyaa fi simannaa bara haaraa jedhuun uummata magaalaa Finfinnee goolaa jiraachuun barame.

Magaalaa Finfinnee keessatti poolisoota magaalichaa, kan federaalaa, tikoota uffata siviilii uffatanii fi qaamolee hin beekamne garaa garaa bobbaasuun namoota nagaa hojii isaaniif bobba’an daandii irraa qabuu fi konkolaataa irraa buusuun sakatta’uu hanga qabanii dhabamsiisuutti tarkaanfii fudhachaa  jira.

Kana malees mana namootaa sakatta’uu fi ilmaan Oromoo godinaaleen qooduun ilaalcha siyaasaan foo’ee hidhaa kan jiru yoo ta’u, sodaa nageenyaa jedhanii hidhata qaama biraan walitti qabsiisuun dhalattoota Tigraay maqaa TPLF fi Amaaraas haala naannicha keessatti deemaa jiruun wal qabsiisanii bakka hojii fi mana isaanii keessaa qabuun hidhaa jiru.

Magaalaa Finfinnee naannoo Askoo, kutaalee magaalaattii bakka ilmaan Oromoo baay’atan akkasumas magaalaa Shaggar Buraayyuu, Sabbataa, Galaan, Sulultaa fi kkf keessatti ilmaan Oromoo xiyyeeffatamanii hidhamaa fi doorsifamaa jiru.

Itti gaafatamaan koomishinii poolisii federaalaa Damballaash Gabree Mikaa’el Finfinnee dabalatee impaayerattiin nagaadha jechuun nageenyi Finfinnee kan Landon, Biraasils fi Washingitan ni caala jechuun dubbatee turus, erga nagaa ta’ee lolli impaayerattii keessatti maaliif gegeeffamaa fi lammiilee ilaalcha siyaasaan yakkitanii maaliif hiituu fi guyyaa guyyaan qaamolee nageenyaa bobbaastanii maaliif uummata jeeqxu gaaffii jedhuuf deebii akka hin qabne ykn soba isaanii akka deebisuu malee haala qabatamaa lafa irraa waliin deebii sirrii akka hin laanna ni eegama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading