• Sat. Mar 14th, 2026

Shiftoonni impaayerattii Baalee Bahaa keessaatti xaa’oo hawaasaaf dhufe abbootii qabeenyaatti gurguruun qonnaan bultootni hedduun rakkachaa akka jiran himame

Sep 8, 2025

ONM-ABO Fulbaana 8, 2025 

Murni Bilxiginnaa godina Baalee Bahaa aanaalee hedduu keessatti xaa’oo uummataaf dhufe abbootii qabeenyaatti gurgurachuun qonnaan bultoota rakkinaaf saaxilaa jiraachuu maddeen keessoo sirnichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akkam maddeen jedhanitti wayitiin kun wayitii qonnaan bulaan midhaan booddee facaafatu ta’ee osoo jiruu, jaleewwan sirnichaa ammoo, erga xaa’oon aanaa gahee mana kuusaa keessatti abboota qabeenyaatti gurguruun akka isaan gatii qaaliin uummatatti gurguratan gochaa kan jiran oggaa ta’u, akka aanota godinichaatti 80% erga harka abbootii qabeenyi galchanii 20% ammoo gandoota irra raabsaa kan jiran yammuu ta’u, isaanis xaa’oo kana qarshii 8,500’n yoo guguran abbootiin qabeenyaa kunneen immoo qarshii 11,000’n hawaasa harka qalleessatti gurgurachuun rakkoo jabaa irraan ga’aa jiraachuun ifoomee jira.

Uummanni onoota kanneenii kunis qaama itti iyyatu waan dhabeef gatii qaalii kanaan bitachaa akka jiruu fi kanneen hin qabne ammoo dhabaa jiraachuun kan himamu oggaa ta’u, keessattuu aanaa Gindhiir gandoota hedduu keessatti kan hammaate rakkoon kun bakka buutonni gandaa ammoo kan silaa namni tokko dhuunfaan fudhatu dhiisanii nama shan shaniin gurmaa’aa fudhaa ittiin jechuun garee tokkoon tokkoon irraas qarshii 500 funaanaa akka jiran baramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading