• Wed. Jan 7th, 2026

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee fi aanaa Guutoo Giddaa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota ukkaamsanii hidhaatti darbachuu hammeessan

Sep 16, 2025

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 03 bakka addaa Waachaa jedhamu irraa Fulbaana 6, 2025 dargaggoo maqaan isaa Habtaamuu Abdiisaa jedhamu waraanni faashistii PP badii tokko malee ukkaamsuun magaalichuma waajjira poolisii ganda 07’tti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma wal-fakkaatuun godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii iddoo addaa Shaakii jedhamu irraa Fulbaana 8, 2025 dargaggoo maqaan isaa Miidhagsaa Kumarraa jedhamu sirna dhableeyyiin loltoota Bilxiginnaa kunneen badii tokko malee ukkaamsuun magaalaa Naqamtee waajjira poolisii ganda 07’tti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Maddeen akka himanitti, Habtaamuun dargaggoo ol-adeemaa umriin isaa 17 ta’uu fi barataa kutaa 5’ffaa siyaasa tokkollee keessaa hin qabne ta’uu himuun, jaleewwan Bilxiginnaa garuu maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun hidhanii jiraachuu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading