• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti loltoonni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa yeroo dheeraaf hidhanii dararaa jiraachuun ibsame

Sep 16, 2025

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Urjii Oromiyaa keessaa ji’a tokko dura qonnaan bultoota hedduu ukkaamsanii hidhaatti darbachuun garmalee doorsisaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Qonnaan bultoonni hidhamanii jiran  hirmaannaa siyaasaa irraa bilisa kan ta’anii fi jireenya dhuunfaa isaanii kan geggeeffatan yoo ta’an, lukkeeleen Bilxiginnaa immoo, “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun dararaa jiraachuun ifoomeera. 

Lukkeeleen Bilxiginnaa qabeenya isaanii guutummaa erga jalaa saamanii boodas, hanga ilmaan isaanii bosonaa galchanitti hidhaa keessaa ba’uu akka hin dandeenye irra deddeebiin doorsisaa kan turanii fi jiran yoo ta’u, mana hidhaa sana keessaa ba’uuf maallaqa gurguddaa kaffalanii akka mallatteessanii ba’an akeekkachiisaniiru.

Murni afaaniin diimookiraasii dagaagsineerra, nama tokkoyyuu miinee hin beeknu, ilaalcha isaa kan hidhame hin jiru jedhus faallaa isaa akkuma aanichaatti dararaa hamaan maatii qabsaa’otaa fi sabboontota irratti hammaatee jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading