• Fri. Mar 13th, 2026

Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuu keessatti hidhaa fi dararaan jiraattota irratti hammaachuun dhaga’ame 

Sep 16, 2025

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ganda Oggee keessatti jiraattonni gandichaa danuun baatii  hedduuf yakka raawwatan osoo hin qabaatin mana hidhaa keessatti reebicha, beela, dheebuu fi dhukkuboota adda addaan dararamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka fakkeenyaatti namoota baatii 2 oliif hidhamanii hiraarfamni guddaan irratti raawwatamaa jiru keessaa kanneen maqaan nu ga’e:

  1. Sheek Abdurramaan Wadaajoo, 
  2. Taammiruu Arfaasaa,
  3. Indaalee Ligdii,
  4. Toofiq Sheek Abduramaan,
  5. Ismaa’eel Sheek Abduramaan, 
  6. Jihaad Sheek Abdurramaan fi 

kanneen biroon maqaan isaanii ammaaf nu hin qaqqabne hedduun keessatti kan argaman ta’uun eerameera. 

Namootni kunneen mana hidhaa keessatti dhukkuboota garaa garaaf saaxilamanii kan jiran yommuu ta’u, gariin ammoo miidhama reebicha mana hidhaa keessatti hidhattoota sirnichaan irratti raawwatameen rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu jiraattonni dabaluun addeessaniiru.

Hidhamtootni kunneen reebicha irratti raawwatameen miidhaa irra ga’e keessaa muraasni fincaan qabachuu dadhabuu, bobbaa ykn booliin ba’uu dadhabuu, miidhamni garaa keessaa itti dhaga’amuu fi kkf irraan kan ka’e yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu kan himan jiraattonni, achi keessattis yaala fayyaa dhorkachuun akka hidhamtoonni kunneen du’aniif carraaqaa jiraachuun ifoomeera.

Gama biraatiin immoo hidhamtoota mooricha keessa jiran cufa nyaataa fi dhugaatii irraa kutuun maatii fi firootni isaanii dhaqanii akka hin dubbisne akkasumas maallaqa daabboon bitatanis tasumaa akka hin kennineef ugguruun dhukkuboota garaa garaa dabalatee beelaa fi dheebuun rakkisaa jiraachuunis addeeffameeera. 

Dararaa fi hidhaan akkasumas saamichi maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun uummata aanichaa irratti daran hammaatee kan jiru yoo ta’u, yeroo darbes dhuma baatii Hagayyaa keessa ilma Sheek Abduramaan abbaa ijoollee 4 kan ta’e Obbo Maammadamiin mana isaa keessatti ajjeesuu fi abbaa fi haadha isaa akkasumas obboleeyyan isaa dabalatee maatii mana guutuu yakka tokko malee qabanii hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading