ONM-ABO Fulbaana 17, 2025
Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhugoo araddaa Haqaan Jiraataa keessatti jaleewwan dantaa dhuunfaa isaanii dursiifachuun maqaa adda addaan hawaasa saaman, torban darbe irraa eegaluun maqaa “qawwee isiniif binna” jedhuun afaan qawween doorsisuun hawaasa hunda irraa qarshii kuma lama lama saamaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Lukkeeleen dhimma garaa isaanii qofaaf ifaajan kunneen, “maallaqa qawwee ittiin isiniif binnu kaffaluu diddan” jechuun Fulbaana 6, 2025 araddaadhuma kana keessaa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Obbo Haadii Muusaa,
- Obbo Mahaammad Xaahaa fi
- Obbo Imaam Haaruun
kanneen jedhaman ukkaamsanii hidhaatti darbachuun himamee jira.
Jala deemtonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota kanneen erga ukkaamsanii hidhaatti darbatanii booda, “qarshii jedhame kaffaluu kan diddaniif, deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoo waan taataniifidha” jechuun akka isaan qarshii guddaa kaffalanii ba’an itti himuun doorsisaa jiraachuu fi akkuma goleewwan Oromiyaa cufaatti dararaan walfakkaataan hawaasa Oromoo irratti raawwatamu jabaatee itti fufee kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

