• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa uummata nagaa hiraarsuu hammeessan

Sep 18, 2025

ONM-ABO Fulbaana 18, 2025 

Ergamtootni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa hunda keessatti uummata nagaa jumlaan hidhuu, ajjeessuu, qabeenya saamuu fi garmalee reebuun miidhaa qaamaa irraan gahuu hojii idilee isaanii godhatanii hojjechuu itti fufuun, aanaa Zuwaay Dugda ganda Ulaa Arbaa jedhamu keessatti Fulbaana 16, 2025 loltoonni sirnichaa namoota hedduu reebuun qe’ee isaanii keessaa baqachiisanii gariin immoo qabanii mana hidhaatti geessanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Namoota badii tokko malee loltoota kanneeniin qabamanii mana hidhaatti hiraarfamaa jiran keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:

  1. Abdallaa Abdoo,
  2. Jaataa Bursee, 
  3. Godaanaa Usumee, 
  4. Maakidaa Dassoo,
  5. Ayyee Saanii, 
  6. Boojaa Abduramanii,
  7. Abbaasoo Tolaa,
  8. Tuulaa Tunaayyee, 
  9. Maammush Abdallaa fi 
  10. Baatii Amanoo kanneen jedhamaniidha. 

Namoonni kunneen namoota jireenya isaanii qofa geggeeffatanii fi hawaasa keessatti jaallatamummaa qaban akkasumas, badii isaan hiisisu osoo hin qabaatin sababuma Oromoo ta’an qofaaf hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattotni dabalataan ibsanii jiru.

Oduu birootiin immoo godinichuma aanaa Shanan Kooluu ganda Laaftoo- Rifeensoo keessatti Fulbaana 16, 2025 qonnaan bultoota gabaa dhaqachuuf wantoota isaan barbaachisan fudhatanii gara magaalaatti imalaa jiran karaa irratti eeguun loltoonni sirnichaa rasaasa irratti dhukaasuun, meeshaalee isaanii hunda harkaa gachisiisanii ofii isaaniitii fudhatanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading