ONM-ABO Fulbaana 18, 2025
Murni maqaa Oromoo dhahatee dhiiga ilmaan Oromoo kumaatamaan itti dhangala’een aangoo irra jiru barri bulchiinsa isaa kufaatiitti dhiyaachuu baruun uummata nagaa maqaa adda addaa itti maxxansuun hiraarsuu itti fufuun, aanaa Horroo Bulluq ganda Odaa Bulluq bakka addaa Boobee jedhamutti ergamtoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf bobbaafaman, Fulbaana 14,2025 galgala keessaa sa’atii 2:15’tti qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Baqqaanaa Qalbeessaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Sababa haati warraa isaa maqaan ishee Aadde Aragguu Faantahuun jedhamtu bifaan miidhagduu taateef, amala fafummaa qaban calaqqisiisuuf bira darbuu dadhabanii abbaa warraa ishee kana irraa ajjeesuun kan gudeedan ta’uun himameera.
Qonnaan bulaan kun, hidhata dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee yoo ta’u, loltoonni sirnichaa maqaa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda” jedhuun yakkanii ajjeesuun, haadha warraa isaa kan gudeedan ta’uun dabalataan himamee jira.
Akka aanichaatti, loltoonni Bilxiginnaa maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun saamicha ulfaataa irraa eegalee hanga ajjeechaatti hawaasa irratti gidiraa raawwatan jabeessanii itti fufanii jiraachuun baramee jira.

