ONM-ABO Fulbaana 18, 2025
Ergamtootni Bilxiginnaa afaaniin akka waan uummataaf dhaabbataniitti miidiyaan gadi ba’anii dubbachaa, gama kaaniin ammoo daba ulfaataa raawwachuun hawaasa Oromoo cufa hiraarsuu hammeessuun, aanaa Shanan Dhugoo araddaa Barakaa jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa, torban darbe keessa maqaa kaffaltii maqaan isaa hin beekamnee fi naga’ee tokko hin qabneen jiraattota hunda irraa qarshii 500-800 fudhachaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees, maqaa “qawwee isiniif binna” jedhuun torbanuma darbe keessa qarshii kuma lama lama irraa guuruu yaadachiisuun naga’ee tokko malee qarshii hawaasa irraa guuran dantaa dhuunfaa isaaniif oolfachaa kan jiran ta’uu jiraattotni itti dabaluun ifoomsaniiru.
Akka jiraattonni araddichaa himanitti, “jaleewwan Bilxiginnaa guyyaa guyyaan qarshii nu gaafatu. Nuti Bilxiginnaaf kaffaluu mitii, waan nyaannee bulluyyuu hin qabnu. Qaama itti iyyannee furmaata argannu wallaallee jirra, kanaaf miidiyaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa sagalee nuuf ta’aa rakkoo keenya saba biraan nuuf ga’aa, murna kana irraa abdii tokko hin qabnu” jechuun dubbatu.

