ONM-ABO Fulbaana 18, 2025
Baha Oromiyaa godina Lixa Harargee aanaa Ciroo gandoota garaa garaa keessatti maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, manaa fi qabeenya irratti gubuun qe’ee isaanii irraa godaansisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Aanichuma gandoota adda addaa keessatti namootni nagaan balleessaa tokko malee mana isaaniitii fuudhamuun kan ajjeefaman oggaa ta’u, isaan keessaa kanneen maqaa arganne:
- Hasan Saanii Umar ganda masjiidaa irraa
- Aliyyii Mahaamad Sayid ganda Jiillee irraa
- Abdallaa Muummee Muusaa ganda Faroo irraa
- Aliyyii Ibraahim Yuusuf ganda Usmaan irraa
- Yaasin Abdallaa Shurree ganda Sheek Aadam irraa yommuu ta’an,
namni maqaan isaa:
- Muhaammad Aliyyii Abdii jedhamu jiraataa gand Sheek Aadam kan ta’e hidhattoota kanneeniin madaa’ee yaala irra jiraachuun ifoomeera.
Ittuma fufuun, namootni nagaa hedduun yakka raawwatan osoo hin qabaatin mana hidhaatti galfamuun dararamaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa kanneen ganda Masjiidaa irraa maqaan nu ga’e:
- Aliyyii Abdallaa,
- Maadii Aliyyii Ahimed,
- Magarsaa Aliyyii Aadam,
- Nasruu Abdallaa Umaree,
- Aliyyii Aadam,
- Ibsaa Abdallaa Ahimad,
- Fuwaad Abdallaa Ahimad,
- Ibraahim Abdallaa Ahimad,
- Ibraahim Abdallaa Umaree,
- Mohaammad Aliyyii Ahimed,
- Suleeymaan Mahaammad Kabiiraa,
- Ibraahim Abdallaa Aammad,
- Abdii Aliyyii Ahimad kanneen jedhamaniidha.
Ganda Usmaan Muusaa irraa immoo:
- Aammad Huseen Umar,
- Muummee Abdullaa Saalii,
- Naasir Abdoo Abdallaa,
- Abdii Jibroo Muusaa ta’uu fi
namni maqaan isaa:
- Yaayyaa Abduramaan Ussoo
jedhamu immoo araddichuma ganda Noolee irraa kan qabamuun badii raawwatan tokkollee osoo hin qabaatin hidhamanii dararamaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees araddichuma keessatti qonnaan bultoota hedduu jalaa manaa fi qabeenya isaanii gubanii barbadeessuun kan godaansisan yoo ta’u, isaan keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:
- Mahaammad Woddee,
- Ahimaduu Abbaayyee,
- Ahimad Aliyyii Ahammad,
- Jaddii Ahimad Yuusuf,
- Hasan Saanii,
- Badiruu Saanii kanneen jedhamanii fi
kanneen biroon hedduun ta’uun addeeffameera.

