• Tue. Jan 13th, 2026

Pirezidaantiin Siiriyaa mariin Israa’el waliin taasifamu ‘guyyoota itti aanan keessatti’ bu’aa argamsiisuu mala jedhan

Sep 18, 2025

ONM-ABO Fulbaana 18, 2025 

Pirezidaantiin Siiriyaa Ahmed al-Sharaa Roobii kaleessaa darbe akka jedhanitti, waliigaltee nageenyaa irra ga’uuf Israa’el waliin mariin itti fufee jiru “guyyoota itti aanan keessatti” bu’aa argamsiisuu danda’a.

Waliigalteen nageenyaa kun “barbaachisaa” ta’uu fi tokkummaa naannoo qilleensaa, naannoo Siiriyaa kabajuu fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin hordofamuu akka barbaachisu Damaasqootti gaazexeessitootatti himaniiru.

Siiriyaan waliigaltee haleellaa qilleensaa Israa’el akka dhaabbatuu fi loltoonni Israa’el gara kibba Siiriyaatti dhiibanii seenan akka ba’an ni taasisa jettee abdattu irra  Israa’el waliin ga’uuf mari’achaa jiru.

Rooyitars torbee kana akka gabaasetti Waashingitan torbee dhufu hoggantoonni addunyaa Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti gaggeeffamuuf osoo walitti hin qabamin dura Siiriyaan waliigaltee irra akka geessu dhiibbaa gochaa turte.

Garuu al-Sharaan walgahii kana irratti hirmaachuuf gara Niiw Yoorkitti imalu jedhamee eegamu dura Rooyitars dabalatee gaazexeessitoota waliin ibsa kenneen, US Siiriyaa irratti dhiibbaa tokkollee akka hin goone haaluun gahee gidduu seenummaa taphachaa akka jirtu dubbateera.

Israa’el haleellaa 1,000 ol Siiriyaa irratti raawwachuu fi weerara lafaa 400 ol  Muddee 8, yeroo haleellaa hogganaa duraanii Siiriyaa Bashar al-Asad kuffisanii kaasee akka raawwatte dubbateera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading