• Mon. Mar 16th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Shanan Kooluu keessatti loltoonni Bilxiginnaa qabeenya hawaasaa saamuu fi manneen jalaa guban jireenya rakkoo keessa jiraachuun ifoome

Sep 20, 2025

ONM-ABO Fulbaana 20, 2025 

Ergamtuuwwan aangoo nam-tokkee tiksuuf jecha kutaalee Oromiyaa hunda keessatti hawaasa nagaa hiraarsaa oolan, aanaa Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee fi Laaftoo rifeensoo keessatti maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun hawaasicha yakkanii xiqqaa hanga guddaatti adamsanii ajjeesuu, hidhuu fi qabeenya isaanii saamuu akkasumas qabeenya fudhatanii deemuun hin mijanneef achumatti abiddaan gubanii barbadeessaa jiru.

Haaluma kanaan aanaadhuma Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee keessatti loltoonni Bilxiginnaa Fulbaana 14, 2025 manneen hawaasaa jumlaan gubanii barbadeessuun qabeenyaa hedduus saamuun, yeroo ammaa hawaasni iddoo jiraatu dhabee muka jala galaa jiraachuu fi waan nyaatus dhabee rakkataa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Haalli namoonni kunneen keessa jiran haala akkaan rakkisaa yoo ta’u, aduu fi bokkaan dararamaa jiraachuun ijoollee isaaniis akka godhan dhabanii bakkeetti baasanii waliin rakkataa jiraachuun ibsamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading