• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu keessatti waraanni Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuun himame

Sep 20, 2025

ONM-ABO Fulbaana 20, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Shukutee ganda 01 keessaa Fulbaana 16, 2025 sirna dhableeyyiin waraana PP qonnaan bulaa maqaan isaa Warquu Qaabataa jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti bakki inni jiru kan hin beekamne ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Warquun qonnaan bulaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa sobaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakka gara jabinaa kana irratti raawwachuu dubbatu.

Murni nageenya hawaasaa sarbee umrii teessoo siyaasaa isaa dheereffachuu barbaadu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufatti jaleewwan isaa kumaatamaan bobbaasuun sabboontota ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachiisuu itti fufee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading