• Tue. Jan 13th, 2026

Haleellaa Israa’el Kibba Libaanos keessatti raawwatteen namni tokko du’uun barame 

Sep 21, 2025

ONM-ABO Fulbaana 21, 2025 

Libaanos haleellaa Israa’el Sanbata kaleessaa kibba biyyattii keessatti raawwatte nama tokko ajjeesuu ibsite. Israa’eel fi garee hidhattoota Hizboollaagidduutti dhukaasa dhaabuun ji’ootaaf kan ture ta’us, haleellaan kun kan lubbuu namaa galaafate isa dhiyeenyaa ta’uu ibsiteetti.

Rippoortarri AFP tokko naannoo Marjayoun bakka caccabni konkolaataa adii gartokkoon gubate karaa cinaa taa’etti deebii jalqabaa kan kennan bakka balaan kun itti dhaqqabetti argamuun arge.

“Haleellaan Israa’el daandii Al-Kaardali irratti konkolaataa irratti fudhatte lubbuun nama tokko galaafate,” jechuun ibsi ministeerri fayyaa baasee beeksiseera.

Israa’el Sadaasa keessa waraana dhaabuun garee Iraan deeggaramu kana waliin waggaa tokkoo ol diinummaa dhaabuuf kan yaalte ta’us, haleellaa Libaanos irratti raawwachuu itti fufteetti.

Akkasumas naannoo kibba Libaanii shan tarsiimoodha jedhee fudhatte keessatti loltoota ishee qubsiistee jirti. 

Waraanni Israa’el haleellaan kanaan dura raawwatame hidhattoota ykn dhaabbilee Hizboollaa jedhamanii shakkaman irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibseera.

Jimaata darbe haleellaan Israa’el kibba biyyattiitti raawwattes namoota lama yoo ajjeesu, waraanni kun hojjettoota Hizbullaah ta’uu ibseera.

Dhiibbaa cimaa Ameerikaa fi sodaa haleellaa Israa’el babal’achuu ishee mudate keessatti mootummaan Libaanos Hizboollaan  hidhannoo akka hiikkatu barbaadaa jirti jechuun Arab News gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading