• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti murni Bilxiginnaa uummata nagaa jumlaan mana hidhaatti guuraa jiru

Sep 22, 2025

ONM-ABO Fulbaana 22, 2025 

Loltoonni Bilxiginnaa aangoo nam- tokkee tiksuuf jecha hawaasa nagaa kutaalee Oromiyaa hunda keessatti hiraarsaa oolan, Fulbaana 18, 2025 aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Burqaa Lammaffoo jedhamu keessatti uummata badii tokko hin qabne jumlaan walitti guuruun mana hidhaatti hiraarsaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoota hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:

  1. Bashir Haji Kaawoo,
  2. Furoo Fayyisoo, 
  3. Goshoo Boonsoo fi
  4. Sheek Maammee Huseen kanneen jedhamaniidha. 

Loltootni kunneen yeroo magaalicha irraa gara gandaatti bobbaa’an hawaasa nagaa irratti qawwee dhukaasuun uummata qe’ee keessaa ari’uun qabeenya isaanii saamaa turuu fi namoota itti dhufan qabanii mana hidhaatti geessuun reebaa turuu jiraattonni ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading