ONM-ABO Fulbaana 22, 2025
Afaan qofaan misooma faarsaa, faallaa isaa dhaabbilee tajaajila hawaasaa mancaasuun, sababa sobaa fi amansiisaa hin taaneen, “rakkoo nageenyaa” maqaa jedhu sababeeffachuun kutaalee Oromiyaa cufa keessaa manneen barnootaa hedduu cufuun, dhaloota barnoota dhabsiisaa kan jiru murni Bikxiginnaa godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooreetti kan argamu manni barumsaa Ifa Baas Cooree bara darbe keessa ji’oota muraasa qofa hojii baruu fi barsiisuu eegaluun, sana booda ji’oota 7 oliif tajaajila barnootaa isaaniif kennaa kan hin jirre ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Maatiin barattootaa dubbisne akka himanitti, “bara darbe ijoollee keenyaaf dabtara binnee lafa ba’e. Baranas galmeen jalqabame hin jiru. Bakka biraatii ijoolleen ni baratti. Kan keenya waan isaa wallaalle, ilmaan keenya barsiifachuu hin dandeenye. Hawaasni rakkoo qabu hin qabu, rakkoo murni kun nu irratti fidaa jirudha” jechuun dubbatu.
Manni barumsichaa bara 2014 (GC) kan hundeeffame yoo ta’u, ganna 10 qofa tajaajiluun barattoota hedduu oomishee erga bara 2023 as immoo sababa waliin isaa hin beekamneen cufamuun barattoonni waggaa 2’ffaaf barnoota malee taa’aa kan jiran ta’uu fi akka kan bakka biroo barnoota eegaluuf galmeen illee kan hin jalqabamnee fi barsiisonni illee ganda sana keessa kan hin jirre ta’uun hanga gabaasni kun qindaa’etti, sosochiin barnootaa bifa kamiinuu kan hin jirre ta’uun baramee jira.
Ergamtoonni murna Bilxiginnaa tajaajila hawaasni argachuu qabuu fi ofitti hir’isee kaffaltii dhuunfaa isaan akka isaaf ta’utti mijeeffatee fi osoo manni barumsaa siyaasa hunda keessaa bilisa ta’ee jiruu, waan sababa hin taane “WBO’tu gandicha dhuunfate” kan jedhu da’eeffachuun kan lagatan ta’uu gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.

