ONM-ABO Fulbaana 22, 2025
Lakkoofsi yeroo dhiyoo ba’e akka agarsiisutti torban darberraa eegalee lubbuun namootaa darbe dachaa lamatti dhihaachuun 16 irra yoo ga’u, hanga ammaatti namoonni 900 ol tuttuqaa qabaachuun adda baafamaniiru jechuun dhukkubichi saffisaan babal’achaa jira jedha Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii WHOn.
Talaalliin naannoo dhibee kanaan qabametti Dilbata kaleessaa darbe eegalameera.
“Hojjetoonni eegumsa fayyaa fi namoota qunnamtii qaban 500 ol talaallii isaanii fudhataniiru, kunis eegumsa murteessaa isaaniif kenna,” jedhan sagantaa WHO Afrikaa irraa Dr. Paatriik Otim.
Duula kana cimsuuf doosiin 760 naannoo wiirtuu weerara kanaa Bulapeetti kan geeffame yoo ta’u, duula kana cimsuuf doosiin 45,000 kan biraa yeroo dhiyootti Kiinshaasaa ni ga’a jedhamee eegama.
Weerarri Iboolaa haaraan aangawoota Koongootiin fulbaana 5 naannoo kibba giddu galeessa Koongoo Angoolaatti dhihoo jiru Kasayi keessatti naannoo Bulape jedhamutti ifoomeera.
Torban darbe Giddu-galli To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa akka ibsetti dhibeen kun godina lama irraa gara afuriitti babal’ateera. Talaalliin dabalataa garee Qindeessaa Idil-addunyaa Dhiyeessii Talaalliitiin mirkanaa’e Jimaata hanga Dilbataatti dhufuu akka jalqabu qondaaltonni WHO himan.
Dandeettiin kuusaa daangeffamee fi naannoo sana dhaquun rakkisaa waan ta’eef doosiin gara Bulapetti hamma xixiqqoodhaan deemeera jedhan qondaaltonni jechuun Africanews gabaaseera.

