ONM-ABO Fulbaana 22, 2025
Uummanni godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee irra deddeebiin rakkoowwan geejjibaa akka qaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaa kan jiran yoo ta’u, waliigaltee konkolaachistoota deddeebisaa uummataa fi waajjira geejjibaa gidduutti hariiroo saamichaa uumamee jiruun qarshii guddaa kaffalanii bakkeewwan yaadan deemaa jiraachuu dubbatu.
Keessattuu tiraafikoonni daandii irra dhaabbatan qarshii guddaa kaffalaa jirra jennee yoo itti iyyannus, ofii dursa qarshii konkolaachistoota harkaa fudhachuun sobanii wal dheekkamuun kan hafe, qarshiin hawaasaaf deebifamaa kan hin jirreedhas jedhu. Uummatni kallattii Lixa Oromiyaas ta’e gara Finfinnee deemuuf qarshii guddaa baasaa jira jechuunis dabaluun dubbatu.
Sochiin geejjibaa mijachuu dhabuutiin impaayera Itiyoopiyaa keessatti guyyaa guyyaan lubbuun lammiilee darbaa kan oolu yoo ta’u, murni Bilxiginnaa tajaajila hawaasaaf kan oolu, suphiinsa daandiif baajeta ramadee hojjeechiisuu fi bulchiinsa gaarii diriirsuu irra hojii kana hunda akka gorsitootni isaan barsiisanitti miidiyaa irraa dubbachuu qofa irratti muddamu. Uummata irraa qarshii maqaa gibiraan guuranii fi gargaarsa biyyoottan alaa irraa kadhaa fi liqaan argatan waraana impaayerattii keessatti adeemsifamaa jiru irra oolchuun lubbuu namoota qulqulluu dhangalaasuun kan hafe, tajaajiloota hawaasaaf waanti oolu qabatamaan raawwatamaa akka hin jirree fi fakkeessi qofti gola Bilxiginnaa keessatti adeemaa jiraachuun ni beekama.


