ONM-ABO Fulbaana 25, 2025
Murni Bilxiginnaa waraana isaa shiftummaa leenjisee bobbaasuun guyyaa guyyaan golee Oromiyaa cufa keessatti dhiittaa mirga namoomaa hammeessuun ilmaan Oromoo roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxiluu itti fufuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Bonayyaa Boshee ganda Kooyyee Konchii keessatti Fulbaana 22, 2025 hawaasa gandichaa wal gahii walitti qabuun milishummaa leenjitu jedhanii dirqisiisuun warreen didan ammoo reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.
Namoonni hidhamanii hiraarfamaa jiran kunneenis maqaan isaanii:
- Sumaa Selxeny,
- Dirribaa Addaamuu,
- Dabalaa Moosisaa,
- Dajanee Gammachuu,
- Haayiluu Waaqumaa,
- Tafarraa Cimdeessaa,
- Asmaraa Bantii,
- Baacaa Baayi’isaa,
- Aaddee Birraatuu Fayyisaa daa’ima ishee waliin,
- Toleeraa Abarraa,
- Fayyisaa Nagarii,
- Aadde Warqinash Mulaatuu,
- Eebbaa Alamuu,
- Obsinnaa Mitikkuu harmee isaa
- Leellisee Guutuu waliin
maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun hidhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, aanaadhuma Boonayyaa Boshee ganda Caffee Konchii keessaas Fulbaana 22 kana nama maqaan isaa Guddataa Dirribaa jedhamu maqaa ilmi kee miseensa WBO’ti jedhuun waajjira poolisii aanaa Boonayyaa keessatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

