ONM-ABO Fulbaana 27, 2025
Waraanni murna Bilxiginnaa maqaa raayyaa ittisa biyyaa, poolisoota idilee, humna farra riphee lolaa, milishaa fi poolisoota Federaalaa akkasumas kaadiroota sirnichaa dabalatee qaamoleen paartii Bilxiginnaaf tajaajilan marti aangoo isaanii lammiilee nagaa irratti agarsiisaa kan jiran oggaa ta’u, shamarran Oromoo bakka argan cufatti dirqiin gudeeduu fi fedhii isaanii malees fuudhaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, tibbanas bifa addaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbiitti rakkoowwan walfakkaataan gaa’illi dirqii raawwatamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraataan Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Waddeessaa Waaraqaa irraa dubbisne himutti shamarran waggoottan 16 gadii danuun sodaachifamanii gudeeddaa fi akka qaamolee Bilxiginnaatti heerumaniif dirqisiifamaa akka jiran himuun, obboleettiin kiyya kan umriin ishee 13 tokko manaa baatee waraanaan sodaachifamuun yeroo ammaa itti heerumtee jirti jechuun dubbata.
Kana malees shamarran ollaa keenyaa danuun gara gabaa yeroo deeman humnoota waraanaa kanneeniin qabamuun mooraa waraanaatti geeffamanii gudeedamaa jirus jechuun, yoo mormii kan agarsiisan ta’e maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun barjaa sobaan yakkamanii hanga lubbuu dhabuu fi hidhamuu irra ga’aa jiru jechuun hima.
Rakkoo ilmaan isaanii irra gahaa jiruuf maatiin danuun qaamolee itti himatan dhabanii jiraachuu himuun, gochi kun seera Bilxiginnaa gaa’ila umrii malee fi dirqii dhorku hunda cabsus gocha kana qaamni irraa ittisaa jiru akka hin jirree fi wabiin seeraan dhabamuu namni achi irraa dubbisne ibseera.

