• Wed. Nov 25th, 2026

Murni Bilxiginnaa Gujii Lixaa keessatti maqaa opireeshinii jedhuun uummata nagaa daraaruun saamuu fi manneen gubuun dhaga’ame

Sep 27, 2025

ONM-ABO Fulbaana 27, 2025 

Gujii Lixaa aanaa Galaanaa keessatti murni Bilxiginnaa maqaa opireeshinii jedhuun uummata nagaatti bobba’uun saamicha qabeenyaa fi manneen gubuun dararaa hamaa kan raawwatan yoo ta’u, Fulbaana 21, 2025 aanaa Galaanaa gandoota akka Hiituu fi Wodoo jedhamu keessatti jiraattota hedduu jalaa qabeenya saamuun mana jireenyaa ibidda itti shiduun gubanii barbaadeessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Haaluma kanaan ganda Wodootti namoonni manni jireenyaa isaanii qabeenyaa guutuu waliin jalaa gubate:

  1. Guyyee Littuu,
  2. Littuu Dollee,
  3. Gammachuu Littuu,
  4. Galaa Wojagaa,
  5. Barjuu Galaa fi 
  6. Wolloo Galaa

kanneen jedhaman yoo ta’u, ganda Hiituutti ammoo nama 

  1. Obbo Eeddoo Yandaa jedhamu jalaa mana jireenyaa isaanii qabeenya guutuu waliin sababa tokko malee loltoota sirnichaan qabeenyaan isaanii barbaadaa’u dubbatu.

Oduu saamichaan ammoo, ganda Wodoo keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Boneyyaa Sallii jalaa loon 20  fudhachuun ganda Hiituu 

bakka Dhagaa Qayyaa jedhamu keessaas: 

  1. Obbo Badhaasoo Haroo jalaa loon sadii fuudhanii lama ammoo 

achumatti qalatanii nyaachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Gocha badii kanas adda durummaan uummata nagaa irratti raawwachisaa kan jiran kaabinoota maqaan isaanii, Aligoo Jaldoo, Galma Bolee, Badhaasoo (Bursoo ) Damisee fi Qeeccisaa kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply