• Tue. Mar 17th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti bulchitoota murna Bilxiginnaan saamichaa fi hiraarfamni hammaataan jiraattota onichaa irratti raawwatamu cimee itti fufe 

Sep 28, 2025

ONM-ABO Fulbaana 28, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti, bulchaan Bilxiginnaa ganda Hara 05 maqaan isaa Saadam Ahimed Amiinuu jedhamu milishoota Bilxiginnaa baay’inaan of jala hiriirsee seensa magaalaa Qiciicoo irra dhaabbachuun namoota nagaa qorannoo tokko malee hidhuu, reebuu fi naga’ee seeraa tokko malee saamuun hawaasa onichaatti jireenya hadheessaa jiraachuu jiraattotni dubbatan.

Bifuma kanaanis torbeedhuma kana keessa bulchaan Bilxiginnaa ganda Hara 05 Saaddam jedhamu kun:

  1. qonnaan bulaa Ahimed Hasanee (Dhibbee) jedhamuun beekamu ganda Guyyaatuu irraa qabee hidhuun afaan qawween doorsisee qarshii 20,000 harkaa yoo fudhatu,
  2. Aadde Zaaraa Usmaan jalaa qarshii 5000,
  3. Hasan Bullee qarshii 10,000, 
  4. Yesuuf Waahel qarshii 1,500,
  5. Sa’iduu Amiinuu qarshii 1,500 fi
  6. Huseen Mahaammadee jalaa qarshii 1,500 

aangoo fi qawwee of harkaa qabutti dhimma ba’ee bulchaan PP kun milishootaa waliin saamuu jiraattotni gand Haraa ONM’f gabaasaniiru.

Jiraattotni gandichaa itti dabaluun akka dubbatanitti, bulchaan murna Faashistii Bilxiginnaa ganda Haraa kun addatti guyyaa kamisaa gabaa magaalaa Qiciicoo waan ta’eef seensa magaalichaa irra taa’ee namoota gaalaa fi loon gurguraaf gabaa baafatan irraa maqaa qaraxa jedhuun loonii fi gaala tokkoof qarshii 300 kaffalchiisa, namoota harka qalleeyyii cilee dha’uun magaalicha baafatanis qaraxa ittiin jechuun cilee muree tokkoof qarshii 100-200 dirqiin kaffalchiisee haadha hiyyeessaa garaa ishee hidhattee jireenya guyyaa dafqa ishee lolaaftu guyyuu boochisaa jiraachuu ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading