• Sun. Nov 22nd, 2026

Godaantonni lama Faransaay irraa gara Biriteenitti qaxxaamuruuf osoo yaalanii du’an

Sep 28, 2025

ONM-ABO Fulbaana 28, 2025 

Godaantonni lama galaana irraa qaxxaamuranii gara Biriteen deemuuf osoo yaalanii halkan tokkotti du’uu isaanii aanga’oonni Faransaay Sanbata kaleessa yoo ibsan, kanneen biroo gara 60 ta’an baraaramuu isaanii himaniiru.

Taatee kun kan mudate qarqara galaanaa Newufchatel-Hardelot irraa gara kibbaatti yoo ta’u, namoonni gara 100 ta’an bidiruu yeroof qophaa’een gara UK ga’uuf yeroo yaalaa turanitti.

Namoonni gara 60 ta’an “yeroo ammaa kunuunfamaa jiru,” jedhan Isaabel Fradin-Tirod, qondaalli naannoo Montrewul-sur-Mer.

Taatee kanaan bara kana lakkoofsi namoota galaana kana  qaxxaamuruuf du’anii yoo xiqqaate 25 akka ta’e lakkoofsi AFP ragaa seeraa irratti hundaa’e ni mul’isa.

Erga baatii Amajjii as godaantotni 31,000 bidiruu xixiqqoodhaan karaa kana qaxxaamuruudhaan Biriteen gahaniiru AFPn gabaaseera.

Leave a Reply