• Sat. Mar 14th, 2026

Giinii-Bisaawu ajajoota waraanaa yaalii fonqolcha mootummaa raawwatan jedhaman to’annaa jala oolchite

Nov 1, 2025

ONM-ABO Sadaasa 1, 2025 

Gareen qondaaltota olaanoo waraana Giinii Bisaawuu yaalii fonqolcha mootummaa geggeessuun to’annoo jala ooluu itti aanaan hogganaa waraanaa Mamaduu Kuuruma Jimaata kaleessaa ibsaniiru.

Biyyi Afrikaa Dhihaa kun erga bara 1974 Poorchugaal irraa walaba baatee as fonqolchi fi jeequmsi baramaa ture.

Jeneraal Dahaba Na Walna, Ajajaa Domingos Nihanke fi Mariyoo Midana qondaaltota olaanoo humna waraanaa Kamisa kaleessaa mana isaanii magaalaa guddoo Bisayo keessatti to’annoo jala oolan keessaa tokko ta’uu Kuruumaa himaniiru.

Maqaa qondaaltota hidhaman hunda hin kennine. Rooyitars waa’ee himannaa kana irratti yaada kennuudhaaf qondaaltota ykn bakka bu’aa kana qunnamuu hin dandeenye.

Kuruumaan ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “kun dhuguma sirna heera mootummaa diiguuf yaalii haaraa, jala bultii duula filannoo, filannoo seera baastootaa fi pirezidaantii Sadaasa 23 jalqabuu irratti” geggeeffameedha.

Akka Pirezidaantii Umaroo Sisookoo Embalo jedhanitti, yeroo pirezidaantummaa isaaniitti aangoo irraa buqqisuuf yaaliin lama kan raawwatame yoo ta’u, inni dhumaa Muddee 2023 keessa ture.

Embaloon mormitoota siyaasaa waliin wal dhabee kan ture yoo ta’u, yeroon isaa waggaa shanii ammaa dhuma baatii Fulbaanaa keessa akka xumurame kan himan yoo ta’u, Manni Murtii Olaanaa ammoo Fulbaana 4 akka xumuramu murteesse.

Ji’a Bitootessaa keessa Embaloon ji’a Sadaasaa keessa marsaa lammaffaaf akka dorgoman kan dubbatan yoo ta’u, aangoo gadhiisuuf dhaadannoo kanaan dura galan irraa duubatti deebi’aniiru jechuun TRT Afrika’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading