• Mon. May 4th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti dargaggeessi tokko loltoota murna Bilxiginnaan ajjeefamuun dhaga’ame 

Nov 1, 2025

ONM-ABO Sadaasa 1, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu Bulchiinsa magaalaa Gooriitti gaafa Onkoloolessa 30, 2025 waraanni garboomfataa Bilxiginnaa gara ganda Amuumaa Goorgisiitti maqaa sakattaa WBO’n bobbaafamanii bakka dargaggeessi tokko qaama dhiqachaa jiru lagatti itti dhaquun dhukaasa irratti taasisanii lubbuu isaa obbaasuun ibsameera.

Dargaggeessi kunis maqaan isaa Maatiwoos kan jedhamu oggaa ta’u yakka lubbuu isaa baasisu dalagee osoo hin taane murni dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasuu akka gootummaatti himatu Bilxiginnaan gochaa ilma namaa irratti raawwatamuu hin malleen rasaasaan waadanii ajjeesanii reeffa isaas boqonnaa akka hin arganne taasisuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti dargaggoon kunis erga ajjeefamee reeffi isaa harreetti fe’anii gara magaalaa Gooriitti geessuun mooraa mana barnootaa cinatti kan gatan oggaa ta’u, kaleessa gaafa Onkoloolessa 31, 2025 maatii fi firoottan qaamolee Bilxiginnaa kadhatanii awwaallachuuf bakka sana oggaa dhaqan reeffi isaa akka dhabames itti dabaluun ibsaniiru.

Murni lammiilee qulqulluu ajjeesee reeffa awwaalcha dhorku Bilxiginnaan akkuma bartee isaa reeffa dargaggoo kanaas kabaja dhorkachuun soora bineensotaa taasise jechuun jiraattonni miira gaddaan dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading