ONM-ABO Sadaasa 1, 2025
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa waggaa keessatti kaffaltii inshuraansii fayyaa maqaa jedhuun marsaa hedduuf hawaasa gaafachaa akka turan jiraattonni ifoomsaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti maqaa inshuraansii fayyaatiin marsaa hedduuf maallaqa baasnee waraqaa isaa fudhachaa jirras kan jedhan garuu murni Bilxiginnaa siyaasaa isaa da’oo godhatee jireenya keenya hundumaa nutti dukkaneessuun waraqaa keessan haaromfachaa hin jirtan jechuun namni kamiyyuu buufata fayyaa deemee akka hin yaalamneef uggura irra ka’aa akka jiran dubbatu.
Kanuma hordofees yeroo amma namoonni hedduun tajaajila yaala fayyaa dhabuu irraa kan ka’e lubbuun darbuu, hedduunis jireenya isaanii ciisicha taasifachuun golatti wal-deebi’anii dhukkuba waliin wal-aansoo wal qabuu fi haala dubbatamuuf daran jibbisiisaa keessa akka jiran miira gaddaan dubbatu.
Yeroo itti Bilxiginnaan bara bulchiinsa keenyaatti hawaasaaf waa hedduu guutnee jireenya sabichaa jijjiiraa jirra jedhutti haadhi Oromoo har’a maallaqa mataa isheen yaalamuu dadhabdee lubbuu ishee dhabaa jirti.






