• Sat. Jun 6th, 2026

Godina Walloo aanaa Daawaa Caffaatti haadhi ilmaan 9 tokko milishoota sirnichaan hidhaatti darbatamte

Nov 1, 2025

ONM-ABO Sadaasa 1, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Matohoroo jedhamutti milishoonni sirnichaa Onkoloolessa 30, 2025 galgala toora sa’aa 1:30tti mana harmee maqaan ishee Aadde Aanshaa Ahimed jedhamtuu haadha ilmaan 9 kan taate namoota danuu ta’uun ol itti seenanii “aannanii fi nyaata nuuf kenni “ittiin jechuun wayita isheeni waan hin jirre jiraachistee aannaniif nyaata isaan jedhan kennituuf nyaatanii maaddii irraa nyaatan ammoo gombisuun,maqaa” lafa seeraan alaa qottaniittu” jedhuun halkanuma sana harmee kana qabanii ukkaamsuun eerameera.

Naamumsa maleeyyii fi gara jabeeyyiin milishoota sirnichaa kun harmee irraa nyaatanii dhugan kana halkan dukkanaan daa’imman ishee qofaatti dhiisuun ishee ammoo konkolaataa keessa buusanii aanaa Harxummaa Fursee magaalaa aanichaa Caffaa Roobititti kan hidhan ta’uu fi daa’imman xixiqqoon harmeen kun irraa hidhamte kunis yeroo ammaa boo’ichaan laafanii’ haadhi keenya eessa nu jalaa deemte? nuti hoo ishee bira deemuu hin dandeenyuu? moo nuti haadha malee hafne laata jedhanii boo’uu fi wawwaachuun ofiifis garmalee dhiphatanii oollaa isaaniis dhiphisaa jiraachuu jiraattotni gandichaa miira gaddaan dubbatu.

Akka jiraattotni ganda Matohoroo jedhanitti, aanichatti hidhattootni sirnichaa maqaa lafa seeraan alaa qottan jedhuun midhaanii fi xaafii namootaa loon dheechisuu fi ofiifis mancaasaa, abbootii warraa danuus isintu lafa kana qote jechuun hidhaa jiru, mee abbootiin warra sababa lafa qotaniif hidhaman haa jennu, haadhi ilmaan 9 kun hoo? maal yakkite jedhamtee mana ishee keessaa sanuu halkan ukkaamfamti? jennee qaama dhimmi kun ilaallatu yoo gaafannu “nuti irraa hin beeknuu malee” deebii ga’aa fi amansiisaa jedhamu tokko illeen irraa dhabne jechuun dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading