• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaalee 3 keessatti warshaan sukkaaraa Raaj Aab Agro Industiriin miidhaa qonnaan bultootaa fi hojjettoota irraan ga’aa jiraachuu miidhamtootni himan

Nov 2, 2025

ONM-ABO Sadaasa 2, 2025 

Warshaan Agroo Industirii Raaj Aab kan godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Jaarsoo Waamaa keessatti kan argamu yoo ta’u, warshaa Sukkaaraa Waamaa jedhamuunis ni waama. Warshaan kun erga maqaa kanaan dhaabbatee turus tajaajila oomisha sukkaaraa kennuu yeroo dhiyootti akka eegalee fi ammayyuu waggaa guutuu hojjechaa akka hin jirre jiraattotni himuun qonnaa warshaa kana babal’isuuf lafa qonnaan bultoota irraa dirqiin fuudhanii qabiyyee abbaa qabeenyaa kana jalatti galchaa jiraachuu jraattootni himan.

Jiaattota naannoon irratti miidhaa geessisuun cinatti hojjettoota achi keessaa irraanis dhiibbaa garagaraa kan geessisan yoo ta’u, keessumaa hojjettootaaf guddina hojii kennuu dhabuu fi hojjettoota gatii guyyaaf oolmaa haala yeroo waliin deemu kaffaluufii diduun rakkoolee jiran keessaa tokko ta’uu ibsu.

Industiriin lafa aanaalee sadii wal quunnamsiisuu fi fageenya hanga kiiloomeetira 50 magaalaa Naqamtee irraa fagatu kun qonnaan bultoota naannoo irraan miidhaa ga’aa jira kan jedhan jiraattotni, akka fakkeenyaatti namni Tasfaa jedhamu lafa isaa irraa buqqifamee waggaa baay’ee hanga federalaatti manna murtiitti deddeebi’ee iyyatus deebii dhabee magaalaa Siree keessatti rakkachaa jiraachuu hojjetaan warshichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.  

Warshaan Raaj Agro Industiriin kun gocha kana kaabinoota, waraana PP fi ejensii waajjira bosonaa waliin raawwataa jira jedhu.  

Dhaabbati kun burqaa bishaanii uummataa cufuun kan ofii ijaare ammoo uummata kan dhorkate yoo ta’u, lafa dheeda horii irra agadaa dhaabaa waan jiraniif loon uummataa bakka sana dhaqxu qabanii maallaqa kaffalchiisaa fi ittiin uummata sodaachisaa waan jiraaniif qonnaan bultootni kiiloomeetira 3 hanga afurii deemanii horii tikfachuuf dirqamuu himatu.

Kana malees loon tokkotti qarshii 10,000n kaffalchiisaa fi lafa dhaabbii agadaa lagaa fi ganda uummataatti dhiyeessuun fayyadama qonnaan bultootni uumama naannoo isaanii irraa barbaadan dangeessaa jiru.

Warshaa kana gama gamanatti mooraa lama keessa waraanni PP buufachuun hojjettootaa fi namoota naannoo irratti miidhaa geessisa.

Kana malees milishootaan hawaasa doorsisuu, hojjettoota gidduutti basaastuu qindeessuun namoota ilaalchaan yakkanii doorsisuu fi hidhuu akkasumas hojjettoota ilaalcha siyaasa PP qaban guddisuufii kanneen biroo dhibu jechuun akka waliigalatti hojii warshaa kanaan hojjettootni fi qonnaan bultootni miidhamaa jiraachuun odeessu achii argame ni addeesa.

Akka qorannoon bara 2018 Obbo Nigaatuu Araarsoo mata duree Miidhaa Hawaas Dinagdee fi Ikkooloojii Investimentii guddaa aanaa Sibuu Siree irratti jedhuun Yuuniversitii Jimmaa irraa maxxanse rakkoole kana tokko tokko akka akeeke ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading