ONM-ABO Sadaasa 3, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Allebaantaa keessatti waraanni PP dargaggoota maqaan isaanii:
- Galataa Yaadataa fi
- Galataa Waaqkennaa
jedhaman Waajjira Poolisii Aanichaatti hidhuun erga torban lamaati hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti waraanni PP dargaggoota nagaa hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamiyyuu hin qabne maqaa sobaa itti maxxansuun gandoota baadiyaa aanaa Haaruu irraa walitti qabuun waajjira Poolisii Aanichaatti hidhanii hiraarsaa garaagaraa irratti rawwachuun miidhaa qaamaa fi xinsammuuf saaxilaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.
Murni Bilxiginnaa Oromummaa yakka taasisuun ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaaniif qofa yakka tokko malee qe’ee fi qabeenya isaanii irratti ajjeesaa, hidhaa fi saamaa jiraachuun jibbinsa saba Oromootiif qabu ifatti mul’isaa jiraachuun ni mul’ata.






