ONM-ABO Sadaasa 3, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Hoonqoolo Waabee keessatti jiraattota ganda Maccituu Lamaanii bakka addaa Arfattuu kan ta’an dargaggootni maqaan isaanii:
- Xaahir Bunaa Fajuu fi
- Musxafaa Abdurroo Kadir
jedhaman gaafa Onkoloolessa 28, 2025 hidhattoonni sirnichaa mana maatii isaanii keessaa qabuun daandii konkolaataa gandichaa irratti ajjeessanii gatuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggootni kun manaa fuudhamanii akka ajjeefaman loltoota sirnichaatti ajaja dabarsee kan ajjeesise hogganaa bulchiinsaa fi nageenya aanichaa kan ta’e nama maqaan isaa Abdallaa Waaqoo jedhamu yoo ta’u, namni kun yeroo garaagaraatti ajaja isaatiin aanicha keessatti dararaan hawaasa irra gahaa akka jirus jiraattonni gandichaa ibsaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti dargaggootni loltoota sirnichaan ajjeefaman kunneen yakka lubbuu isaan dhabsiisu kan hin dalagnee fi hordoftoota qaama siyaasaa kamiyyuu kan hin taane yommuu ta’an, jaleen Bilxiginnaaf bitamee dhiiga ilmaan Oromoon of jireessuu aadeffate kun hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabu shakkii jedhuun akka ajjeesise jiraattonni addeessaniiru.







