• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti loltoonni Biltsiginnaa hawaasa jumlaan ukkaamsanii mana hidhaatti darbataa jiraachuu itti fufan 

Nov 12, 2025

ONM-ABO Sadaasa 12, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Moollamee Arjoo fi ganda Silingoo jedhamu keessatti Sadaasa 7, 2025 ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa namoota hedduu badii tokko malee ukkaamsuun mana hidhaatti guuranii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Haaluma kanaan namoonni ganda Moollamee Arjoo iddoo addaa Awwadaay jedhamu irraa qabamuun mana hidhaatti hiraarfamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Siraaji Sayidaa,
  2. Ibraahim Rashaad,
  3. Abdulqaadir Saaliyaa fi 

kanneen biroo hedduun keessatti kan argaman yoo ta’u, gandichuma iddoo addaa Hachalloota jedhamu irraas nama maqaan isaa Aman Mi’eessoo jedhamu dabalatee namoota hedduu qabanii hidhuun dararaa irraan gahaa akka jiran jiraattonni ibsaniiru.

Murni duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa uummata Oromoo irratti raawwachuu hojii idilee isaa taasifatee hojjetaa jiru Bilxiginnaan, yerooma wal fakkaataa keessatti ganda Silingoo jedhamu irraas nama maqaan ishee Sa’aadaa Amiin jedhamtu dabalatee namoota hedduu ukkaamsuun reebicha ulfaataa erga irratti raawwatanii booda mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM’f addeessaniiru. 

Bara bulchiinsa Abiy Ahmed keessa Oromoo ta’uun yakkamee Oromiyaa cufa keessatti dararaan jabaatee kan jiru yoo ta’u, keessattuu jiraattonni aanaa kana keessatti yeroo adda addaatti hiraarfamaa jiranis badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii lubbuu fi qabeenya isaanii dhabuun haalaan jabaatee jira.

Kana malees sababa sodaa lubbuu isaaniif jecha dargaggoonni egeree biyyaa ta’uu danda’an hedduun aanicha gadhiisanii gara biyyoota ambaatti keessaa baduu fi gariin ammoo Oromiyaa kallattiilee adda addaatti faca’aa kan jiran yoo ta’u, kaanis achi buuteen isaanii dhabamaa jiraachuus jiraattonni aanichaa dubbisne dabaluun himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading