• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti waraanni PP uummata nagaa mana jireenya isaanii keessaa ukkamsuun fuudhanii deemuun barame

Nov 12, 2025

ONM-ABO Sadaasa 12, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Akkachee jedhamu keessaa Sadaasa 10, 2025 waraanni PP namoota maqaan isaanii: 

  1. Dheessisaa Bayyanaa fi 
  2. Zarihuun Imaanaa 

jedhaman mana jireenya isaanii keessa sababa miliishaa nuuf ta’uu diddan jedhuun ukkaamsuun fuudhanii deemuu jiraattonni ONMtti himaniiru. 

Namoonni kunnen yakka tokko malee sababa maatii keenya dhiisnee hin deemnu jedhuun leenjii miliishummaa didan qofaaf qabamanii ukkamfamuun fuudhamamanii deemamuu maddeen keenya bakkichaa ONM’f eeraniiru.

Waraanni PP uummata nagaatti maqaa fi sababa adda addaa itti maxxansee ukkamsuun maallaqaa gudda gaafachuu fi humnan mooraa leenjii waraanummatti erguun waardiyaa barcuma aangoo siyaasaa isa godhachaa turuun isa ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading