• Tue. Nov 24th, 2026

Jiraattonni Lixa Shaggar Bulchiinsa Magaalaa Hoolotaa saamichaa fi dararaa murna Bilxiginnaa qolachuuf WBO cina akka dhaabbatan himan

Nov 12, 2025

ONM-ABO Sadaasa 12, 2025 

Jiraattotni Bulchiinsa magaalaa Hoolotaa fi naannawaa ishee abbootii qabeenyaa dabalatee roorroo fi dararama hamaa karaa saamichaa murni Bilxiginnaa irratti taasisaa jiru jalaa of baraaruu fi umrii murnichaa gabaabsuuf keessoon Waraana Bilisummaa Oromoo akka deggaran himan.

Abbootiin qabeenyaa fi daldaltoonni bulchiinsa magaalaa Hoolotaa saamicha murni Bilxiginnaa karaa addaa addaa geggeessaa jiru kaffaltii barjaa mana nyaataa, kan barataa, buusaa gonofaa, Waldaa Misooma Oromiyaa, Ispoortii, Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa, Misooma Magaalaa, Kaffaltii Misooma Koriidarii, Kaffaltii Mana Kiraa, Kaffaltii Baaxii fi Gooroo, Kaffaltii Milishaa, Ijaarsa Mana Abbaa Gadaa fi Kenna Tajaajila Lammummaa kanneen jedhamanii fi kanneen biroo murnichi tooftaa saamichaa baafachuun abbootiin qabeenyaa fi daldaltoonni magaalichaa ittiin saamaa jiruun miidhaamaa akka jiran himataniiru.

Abbootiin qabeenyaa fi daldaltoonni akka jedhanitti, mootummaan faashistii PP lola injifachuu hin dandeenye naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti gaggeessaa akka jiru ibsanii; dabalataanis lola biraa keessa seenuuf dibbee biraa dhaanaa akka jiru himuun lola dhaabee nageenya Oromiyaa keessatti buusuun qaala’iinsa jireenyaa tasgabeessuu akka qabu ibsaniiru.

Kana yoo hin taane, carraa jiru fayyadamnee murna hattuu kana ofirraa kaasuuf wabii saba cunqurfamaa kan ta’e Waraana Bilisummaa Oromoo gama maraan tumsine Oromiyaa walabaas ijaarrachuuf wal ijaaraa jirra jechuunis addeessaniiru.

Leave a Reply