ONM-ABO Sadaasa 12, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Bonayyaa Moloo keessaa torban darbe ergamtoonni murna Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
- Lammaa Ulumaa,
- Dassuu Lammeessaa,
- Obsaa Taaffasee,
- Tigiluu Mootii fi
kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba yoo ta’u, jaleewwan sirnichaa ammoo sababa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamtu” jedhuun hidhanii jiraachuun ibsameera.
Kana malees onicha keessatti dhiittaawwan mirgoota namoomaa hedduun kanneen akka saamichaa maqaa kaffaltii gibiraa, buusaa gonofaa, deggersa waraanaa fi kanneen biroo caqasuun saamicha geggeessuun cinatti hawwan gedeeduu, maatii qabsaa’otaa doorsisuu fi ajjeechaa qote bultoota irratti geggeessaa akka jiran dubbatu.


