• Wed. Nov 25th, 2026

Angoolaan guyyaa walabummaa ishee waggaa 50ffaa yeroo kabajjetti tokkummaa hawaasaaf waamicha dhiyeessite

Nov 13, 2025

ONM-ABO Sadaasa 13, 2025 

Angoolaan waggaa 50ffaa walabummaa ishee Poorchugaal irraa argatte Kibxata darbe agarsiisa waraanaa magaalaa Luwaandaa keessatti agarsiisteen kabajje.

Loltoonni, baandiiwwan hiriiraa fi taankiin ayyaana kana kabajuuf Addabaabayii Rippabiliika magaalaa guddoo biyyattii irratti kan agarsiisaniiru.

”Waggoota 50 kana keessatti imala ulfaataa taasifneerra,” jedhan Looreensoo, rakkoo siyaasaa yeroo Waraana hololaa fi koloneeffannaa Poortugaal irra aanuu kaasuun.

Angoolaan Sadaasa 11 bara 1975, xumura waraana waggoota 13 irratti, Poorchugaal irraa walabummaa labsite, garuu biyyattiin daftee waraana biyya keessaa hamaa kan namoota 500,000 hanga miliyoona 1 ajjeesee fi bara 2002 qofa xumurame keessummeessaa turte.

Pirezidaantichi mootummaan isaanii “hawaasa hunda hammataa, kan lammiilee hundaaf carraa walqixa qabu ” ijaaruu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibsuun, Angoolaan qormaata ”guddaa” fi ”walxaxaa ta’e” itti fuftee akka jirtu hubataniiru.

Waggoota 50 booda bu’uuraalee misoomaa fi misooma magaalaa irratti guddinni mul’atus, Angoolaa boba’aan badhaate walqixxummaa dinagdee fi hawaasummaatiin rakkachaa jirti.

Dhimmoonni hiyyummaa, hoji dhabdummaa ykn qaqqabummaa barnootaa fi eegumsa fayyaa waliin walqabatan ammallee jiru.

Bara 2018 irraa eegalee ummanni Angoolaa gara harka sadii keessaa tokko sarara hiyyummaa idil-addunyaa guyyaatti doolaara 2.15 jala jiraachaa akka turan Baankiin Addunyaa ibseera.

Daataa walfakkaataan kun akka agarsiisutti lammiileen Angoolaa gara miliyoona 16.5, ykn %52.9, guyyaatti nama tokkoof doolaara 3.65 gadiin jiraachuun — sarara hiyyummaa idil-addunyaa biyyoota galii giddu galeessaa gadi aanaa qaban ta’uun beekamti.

Jooyoo Looreensoon  haasaa isaakeessattis “haala jijjiiramaa biyyoota Saahel Afrikaa, waraana Sudaan fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo” dhimmoota ”xiyyeeffannoo guutuu keenya argachuu qaban” jechuun kaasuu Africanews gabaaseera.

Leave a Reply