ONM-ABO Sadaasa 13, 2025
Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Horro Bulluq gandoota kanneen akka Haroo Aagaa, Odaa_Bulluqii fi Guddinaa Abuunaa keessatti miliishoonni Bilxigginna humnaan uummata dirqisiisanii dabareen nyaata miliishaa qopheessu qabdu jechuun uummata gidirsuu akkasumas qotee bultoota humnaan qabuun leenjii miliishummaa fi farra riphee lolaa deemtu jechuun adamsaa jiraachu maddeen keenya bakkichaa ONM’tti himaniiru.
Sababa kananis qotee bultoonni gandoota kanneenii martinuu mana jireenyaa isaanii gadhiisuun ji’oota 2 oliif gara bosonaatti dheessanii buluun hojii qonnaa isaanii irraa baqachuun maatiin isaanii beelaa fi hiyyummaa hamaaf saaxilamaa jiraachuus jiraattonni yaaddoo guddaa qabachuu OMN’f ifoomsaniiru.
Murni PP miliishoota naatoo tokko illee uummataaf hin qabne fi namuusa waraanumma hin beekne uummata nagaa irratti bobbasuun darara haalan ulfaata fi dorgoma hin qabne raawwachaa jiraachuun isa ni mul’ata.


