• Wed. Nov 25th, 2026

Godaantonni 42 naannoo Liibiyaatti dooniin caccabdee du’aniiru jedhamee tilmaamame jedhe Dhaabbatni Mootummoota Addunyaa UN

Nov 13, 2025

ONM-ABO Sadaasa 13, 2025 

Godaantonni 42, kanneen keessaa 29 Sudaan, 8 Somaaliyaa, 3 Kaameeruun, 2 Naayijeeriyaa dabalatee, erga bidiruun isaanii qarqara galaanaa Liibiyaa irraa garagaltee booda galaana irraa achi buuteen isaanii dhabamuu fi du’aniiru jedhamee tilmaamameera jedha Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (IOM).

Doonii laastikaa isaanii godaantota 49n guutamte Sadaasa 3, magaalaa qarqara galaanaa kaaba dhiha Zuwaraa irraa ka’ee sa’aatii jaha booda akka garagalte IOM namoota lubbuun hafan wabeeffachuun Roobii  ibseera. 

Imaltoota kanneen keessaa 7 guyyoota jaha galaana irraa oofamuun lubbuun kan hafan yoo ta’u, Sadaasa 8 garee sakatta’iinsaa fi baraarsaa Liibiyaatiin baraaramuu IOM beeksiseera.

Balaan kun giddugala Galaana Meditiraaniyaanii keessatti yaaliin qaxxaamuraa lubbuu namaa galaafatu isa dhumaa yoo ta’u, bara kana godaantonni Awurooppaa ga’uuf yaalan 1,000 ol akka du’an lakkoofsi IOM kan Piroojektii Godaantota Dhabamanii irraa argame ni mul’isa jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply