• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti gudeeddiin hawwan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun ibsame

Nov 13, 2025

ONM-ABO Sadaasa 13, 2025 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Beenaa 1ffaa fi gandoota aanichaa mara keessatti yakkoonni gudeeddii shiftoota murna Bilxiginnaa kanneen maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun qe’ee uummataa keessa bobbaafamaa jiraniin daran jabaachuu jiraattonni ibsaniiru. 

Akka jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan jedhanitti abbootii warraa sodaachisuun shakkii Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun mana irraa ari’anii milishoonni fi waraanni sirnichaa kanneen maqaa raayyaa ittisaa, poolisii idilee fi farra riphe lolaa jedhuun waamaman halkan da’oo godhachuun manneen uummataa irra deemuun hawwanii fi shamarran gudeedaa jiru jechuun dubbatu.

Addattuu taateewwan gudeeddii kun bifa addaan raawwachaa kan jiru dubartota manatti argan heddummatanii itti wal-jijjiiiruun nama tokko shan ta’aanii gudeedaa akka jiiranis itti dabaluun addeessaniiru.

Sodaa fi muddamsi aanicha keessatti hawwan irratti raawwachaa jiru daran yaaddessaa ta’uus kan heeran namoonni hedduun qe’ee gadhiisanii gara biraatti godaanaa akka jiranis itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply