• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa keessatti loltootni impaayerattii namoota nagaa 4 ajjeesuun dhaga’ame

Nov 13, 2025

ONM-ABO Sadaasa 13, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Daamuu Dhimbiibbaa iddoo addaa Dhimbiibbaa jedhamu keessatti Sadaasa 10, 2025 loltoonni faashistii PP namoota maqaan isaanii: 

  1. Hirphaa Gammachuu Fayyisaa fi 
  2. Taammiraat Tasammaa Dammaa 

kanneen jedhaman badii tokko malee mana isaaniitii fuudhuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun, aanichuma keessatti Sadaasa 11, 2025 ganama bariin namoota mana isaanii keessaa fuudhanii ajjeesuu fi hedduu isaanii reebaa kan turan yoo ta’u, ganda Gujichaa iddoo addaa Hulluuqqoo jedhamu keessatti nama maqaan isaa: 

  1. Fayyisoo Gurree Kennaa jedhamu abbaa maatii kan ta’e yoo ajjeessan, 

ganda Coophaa iddoo addaa Caffaa Tajii irraas nama maqaan isaa: 

  1. Kiddoo Lataa Bariisoo jedhamu 

ajjeesanii deemuu jiraattonni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

Namoonni kunneen hawaasa keessatti namoota akkaan jaallatamoo fi kabaja qaban ta’uu jiraattotni himuun, yakka tokko malee Oromummaa isaaniin yakkamanii gaaffii tokko osoo hin gaafatamin loltoota sirnichaan ajjeefamuu jiraattonni dabalataan addeessanii jiru.

Kana malees loltootni kunneen “gandoota kanneen keessatti namni nuti sichi ajjeesnu kan nu hafe nama 74 oli” jechuun hawaasatti dhaadataa turuu fi maqaa isaaniis as irraa ilaalaa waraqaa irratti galmeeffannee qabna jechuun barreeffama jiru akka eenyummaa isaa hawaasni hin barretti uummatatti agarsiisaa akka turan jiraattotni himuun, hawaasni sodaa lubbuu isaatiif jecha jireenya isaa dhiisee baqataa akka jiru ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading