ONM-ABO Sadaasa 14, 2025
Murni maafiyaa PP Oromiyaa mara keessatti gocha gara jabina isaa daran hammeessuun ilmaan Oromoo hedduu ajjeesuu, hidhuun dararuu, saamicha daangaa darbeenis uummata hirsaasuu, uummata nagaa qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun araddaa isaa irratti salphisuun cinatti, tibbana ammoo akka guutummaa kutaalee Oromiyaa cufatti kaabinoonni Bilxiginnaa dargaggoota 10n 10n qabuun gara mooraa waraana impaayerattiitti erguuf dirqamsiifamaa akka jiran odeessi maddeen qabatamoo irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa
Kaadiroota Bilxiginnaa qajeelfama kana hojii irra oolchaniif ammoo qarshii 150,000 akkasumas baajaajiin ramadameefii jiraachuu maddeen keessa beekan dabaluun eeranii jiru
Kaabinootni kamillee dirqamaan qajeelfama kana hojiirra oolchuu akka qabanii fi warreen dargaggoota 10n 10n dhiyeessuu hin dandeenyes hojiirraa ari’atamtu ittiin jechuun akeekkachiisaa fi doorsisaan murni maafiyaa PP qajeelfamoota isaa hojiirra akka oolchaa jiru odeessi gola Bilxiginnaatii miliquun ba’e ni mul’isa
Murni kun impaayerattii keessatti addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuudhaan uummata Oromoorratti badii ulfaataa, duguuggaa sanyii gocha gara jabinaan guutameen akkasumas ilmaan sabichaa gariin ajjeesaa gariin ammoo biyya keessan eegdu jechuun dirqisiisee gara adda waraanaatti erguun ficcisiisaa turuu fi jiraachuun isaa kan beekamuudha.


