ONM-ABO Sadaasa 14, 2025
Chaansilarri Jarman Fireedirik Merz Kamisa kaleessaa dargaggoonni Yukireen Jarmanitti baqachuurra biyya isaanii tajaajiluu qabu jedhe.
“Bilbilaan pirezidaantii Yukireen Voldaamer Zelenskii waliin dubbateen keessumaa dargaggoonni Yukireen irraa baay’inaan gara Jarmanii akka hin dhufne, biyya isaanii keessatti akka tajaajilan akka mirkaneessan gaafachuu Merz ibseera. “Bakki isaan barbaachisu achitti.”
Hogganaan konsarvaatiivii kun kana kan dubbatan walgahii daldalaa Barliin keessatti gaggeeffame irratti yoo ta’u, baqattoota Yukireen Jarman dhufaniif faayidaa hawaasummaa hir’isuuf karoora qabaachuu isaanii beeksisaniiru.
“Jarmanitti kaffaltiin walgargaarsaa baqattoota kanaaf kennamu haala kaka’umsi hojiif kennamu sirna walgargaarsaa keessa turuuf kaka’umsa caalu akka ta’utti caaseffama. Kanaaf gama kanaanis jijjiirama qabatamaa karoorfachaa jirra,” jedhan.
Akka wixinee labsii Ministeera Hojjetaa irraa baheetti, baqattoonni Yukireen Ebla 1, 2025 booda dhufan, faayidaa hoji dhabdummaa sadarkaa Jarmanii kan ta’e Bürgergeld osoo hin taane, seera koolugaltootaa jalatti faayidaa ni argatu. Jijjiiramni kun maallaqa kaffaltii haalaan gadi aanaa kan fidu yoo ta’u, onnachiiftuu hojii guddisuuf kan qophaa’eedha.


