• Tue. Jan 13th, 2026

Siiriyaan yeroo tokko michuu ishee Iraan fi Hizboollaa waliin wal dura dhaabbachuuf akka gargaartu ergamaan Ameerikaa dubbate

Nov 14, 2025

ONM-ABO Sadaasa 14, 2025 

Siiriyaan Iraanii fi Hizboollaa, yeroo tokko michoota ishee turan waliin wal-dura dhaabbachuuf US ni gargaarti jechuun ergamaan Ameerikaa Toom Baaraak Kamisa kaleessaa himuun, hariiroon Ameerikaa fi Siiriyaa fooyya’aa dhufe “wal dura dhaabbachuu” irraa gara “waliin bobba’uutti” kan bakka bu’e  ta’uu isaatti  galateeffataniiru.

Baaraak, barreeffama dheeraa X irratti barreesseen, daawwannaa seena qabeessa torban kana Pirezidaantiin Siiriyaa Ahmed al-Sharaa gara Waayit Haawusitti taasisan kan dubbatan yoo ta’u, kunis erga bara 1946 walabummaa ishee argatte booda pirezidaantiin biyya Baha Giddu Galeessaaf imala jalqabaa ta’eera.

“Torban kun seenaa ammayyaa Baha Giddugaleessaa keessatti jijjiirama murteessaa ta’eera. Jjijjiirama ajaa’ibaa Siiriyaa adda baafamuu irraa gara tumsaatti jijjiiramte keessatti,” jedhan Baaraak.

Ergamaan kun, ji’ootaaf galmee Siiriyaa irratti hojiin itti kenname, mariin Tiraamp fi al-Sharaa gidduutti taasifamu “amantii waliinii irra deebi’ee mirkaneessuun, yeroo addaan bahuu kaadhimummaadhaan bakka buusuuf, akkasumas Siiriyaa fi ummata ishee-carraa haaromsaa dhugaa kennuudhaaf ga’eera.”

Humnoonni mormitootaa hidhatan dhuma bara darbee bulchaa yeroo dheeraa kan turan Bashar al-Asad aangoo irraa kaasaniiru. Al-Asaad biyyoota dhihaatiin kan fagaate ta’us diinota isaa irra caalaa Iraan fi garee Hizboollaa Libaanos Iraaniin deggaramuu fi deggarsa isaa fi sirna isaaf dhiyeessan waliin hariiroo tarsiimoo yeroo dheeraa qaba ture.

“Damaasqoo amma haftee ISIS, IRGC [Islamic Revolutionary Guard Corps], Hamas, Hizboollaa, fi toora shororkeessummaa biroo waliin wal-dura dhaabbachuu fi diiguuf dammaqinaan nu gargaara, akkasumas tattaaffii addunyaa nagaa mirkaneessuuf taasifamu keessatti akka michuu kutannoo qabuutti ni dhaabbatti,” jedhan Baaraak jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading