• Tue. Jan 13th, 2026

Sudaan Daarfuur keessatti buqqaatonni kuma kudhaniin lakkaa’aman achi buuteen isaanii dhabame jedha UN

Nov 15, 2025

ONM-ABO Sadaasa 15, 2025 

Namoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman magaalaa Sudaan Al-Fashir keessaa baqatan hin lakka’amne jechuun dhaabbati baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jimaata dkaleessaa ibsuun, gudeeddii, ajjeechaa fi miidhaa biroo namootarra ga’uu erga gabaafamee booda nageenya isaaniif yaaddoo kaasuun isaa himame.

Beelaan kan miidhame al-Fashir, marfama ji’oota 18 booda Onkoloolessa 26 Humnoota Deggarsa Saffisaa humna waraanaa gartokkee jalatti osoo hin kufin dura, naannoo balaa, dhiha Daarfuur keessatti, bakka humna waraanaa Sudaan isa dhumaa ture.

Namoonni magaalattii irraa baqatan daandii irratti rasaasaan rukutamuu fi haleellaa dirooniin haleelamuu ibsaniiru. Gabaasni dirree Daarfuur irraa argame dubartoonni haala nyaataan rakkachaa jiraachuu ibsa.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii erga magaalattiin dhuunfatamtee namoonni gara 100,000 ta’an magaalattii irraa  baqachuu isaanii kan galmeesse yoo tau, giddugala dhufaatii akka Tawilaatti naannoo 10,000 qofatu lakkaaame jedhe qondaalli UNHCR Poort Sudaan jiru.  

Al-Fashir keessatti namoonni meeqa akka hafan ifa miti, maddeen biyya keessaa namootni kumaatamaan lakkaa’aman akka hin baane dhorkamuu, meeshaa ykn humna baqachuu dhabuu isaanii UNHCRtti himaniiru jedha UNHCR.

Lolli RSF fi waraana Sudaan gidduutti taasifamaa jiru amma gara naannoo Kordofanitti ce’ee jira, kunis naannoo ciccimoo RSFn dhiha Daarfuur fi bakkeewwan  waraanaan qabaman baha Sudaan gidduutti akka lafa nagaa qabuutti tajaajiludha.

”Kordofan keessatti waldhabdeen daran hammaachuun buqqa’iinsa dabalataa fiduu mala jechuun yaaddoo qabna,” jechuun qondaalli UNHCR  Parlevliyet dubbachuu Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading