• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Walloo Aanaa Baateetti caasaaleen Bilxiginnaa warra Waayyuu irraa geejjiba konkolaataa ugguruun hawaasa rakkisaa fi akka barbaadanitti saamaa jiraachuun dhaga’ame 

Nov 17, 2025

ONM-ABO Sadaasa 17, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baateetti Sadaasa 11, 2025 irraa eegalee lukkeeleen Bilxiginnaa konkolaataa magaalaa Baatee irraa gara daandii guddicha Warra Waayyuu geessu sochii konkolaataa kamuu dhorkanii konkolaachistoota cufa daandii sana irra akka hin deemneef akeekkachiisuun, yeroo itti hawaasni oomisha isaa waggaa tokkoof itti dadhabe kanneen akka midhaanii fi loozii galfatee gara gabaa geeffatutti sochii konkolaataa baajaajiin osoo hin hafne dhorkuun uummata rakkisaa jiraachuun ibsameera.

Akka jiraattotni aanaa Baatee Warra Waayyuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti, baadiyaan Warra Waayyuu magaalaa Baatee irraa garmalee fagaatee argama, nuti ammoo erga geejjibni konkolaataa nurraa ugguramee kaasee gabaadhuma bu’uura waan hundaa ta’e kanaaf magaalicha deemna yoo jenne gabaan bori jechaa har’a warra Waayyuu irraa kaana, sa’atii dheeraa deemnee yeroo magaalicha geenyu saamtonni PP milishoonni sirnichaa seensa magaalaa irratti nu eeganii wanta nuti harkaa qabnu qarshii fi loozii dabalatee wayita seennu nurraa saamu, yeroo gallu ammoo waan manatti galfachuuf deemnu dirqiin nu harkaa fuudhanii sakatta’uun waan barbaadan cufa nurraa saamanii gadi nu lakkisu jechuun dararaa jiru miira gaddaan dubbatu.

Gareen badii fi saamichaaf ijaaramee hawaasa nagaa akka gooluuf magaalaa fi baadiyaa maratti bobbaafaman milishoonni murna Bilxiginnaa, jiraattota Warra Waayyuu kana ija dabaatiin ilaaluun, yoo isaan jimaa, uffataa fi kophee illee ofii isaaniif bitatan WBO’tu isin ergate, isaaniif bittanii geessaa jirtu ittiin jechuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo daldala mataa isaanii godhatanii jiraattota ganda Warra Waayyuu ittiin doorsisaa fi saamaa jiraachuu ONM maddeen qabatamoo bakkichaa irraa odeeffateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading