ONM-ABO Sadaasa 17, 2025
Sadaasa 14, 2025 bulchaan godina Walloo Obbo Ahimed Alii Abbaa Afroo maqaa dursaa Bilxiginnaa Koloneel Abiyi Ahimed’tu Sadaasa 15 magaalaa Kamisee dhufa jedhuun gaafa guyyaa 14 magaalaa kana sakattaa bulaa jechuun halkan milishoota baay’inaan magaalicha keessatti kan bobbaase yoo ta’u, milishoonni kunis halkan akkuma bobba’aniin waardiyaa mana baankii magaalaa Kamisee nama maqaan isaa Arraagee jedhamu gaaffii seeraa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen keenya ONM’f eeraniiru.
Akka jiraattotni jedhanitti, waardiyaan mana baankii magaalichaa Arraagee jedhamu kun yakka lubbuu isa baasisuu mitii seeraanuu isa gaafachiisu tokko illee kan hin dalagne oggaa ta’u, gara jabeeyyiin milishoota sirnichaa qaama olii gammachiisuuf qofa hojjetan ajaja bulchaa godinaa kana guutuu fi isa gammachiisuuf jecha nama nagaa kana gara jabeenya hamaan ajjeesanii biraa deemuu itti dabaluun ibsaniiru.
Dabalataan magaalichatti yeroo mataan murna maafiyaa PP Abiy Ahimed magaalicha dhufetti loltootni faashistii PP Komaandoo ofiin jedhan magaalichaaf naannaa isheetti milishoota PP qawwee qabatanii deeman yeroo argan qawwee irraa fuudhanii to’achuun reebicha suukanneessoo argaa ijaatti hin tolle walii isaanii irratti raawwachaa turuu fi sochii baajaajii fi doqdoqqees hanga har’a Wiixata Sadaasa 17 guutummaa magaalichaa keessatti ugguranii jiraachuu odeessi nu qaqqabe ni addeessa.


