• Sat. Mar 14th, 2026

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa miseensota haaraa yeroo dheeraaf leenjisaa ture xumursiisee eebbisiisuu beeksise 

Nov 17, 2025

ONM-ABO Sadaasa 17, 2025 

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa kaadhimamtoota miseensota WBO yeroo dheeraaf leenjii siyaasaa fi loltummaa kennaafii ture xumursiisee eebbisiisuun gara dirqama itti aanuuf bobbaasuu ibse.

Haaluma kanaan sabboontota ilmaan Oromoo kanneen quuqama sabaaf qaban kan uummatni keenya sirna habashaa jalatti kufee abjuun Bilxiginnaa dhugoomuu irra jechuun  saba isaaniif dursanii of kennuu filatan ofitti fudhachuun caayaatti barnoota siyaasaa fi dirree irratti leenjii loltummaa gahaa haala gaariin kennuufiin xumursiisee eebbiseera.

Eebba kana irratti qondaaltonni WBO fi jaallan hoggansa adda addaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa argamuun haasawaa taasisaniin miseensota WBO haaraan gara dirree qabsootti dabalaman cichoominaa fi kutannoon qabsicha akka geggeessan akeekuun wayita uummata keenya keessa sochoonuttis jaalalaa fi nageenya akkasumas haala naamusa qabeessa ta’een akka socho’an  hubachiisaniiru.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo garaagaraatti Qeerroo fi Qarree quuqamtoota ilmaan sabichaa walitti qabuun leenjisaa kan ture yoo ta’u, tibbanas zoonii lixaatti marsaa kanaan   kaadhimamtoota haaraa leenjisee dirqama itti aanuuf bobbaasuun laga, gaarreenii fi bosonni Oromiyaa qurxummicha hanqaaquu itti fufee jiraachuu agarsiisaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading