Diddaan Baratoota Yuuniversitii ammaa kun Ministeerri Barnootaa bara dhufu irraa kaaftanii baratootni Yuuniversitii kamuu hojii Tola ooltummaa waggaa tokkoof uummata gad baatanii barsiistu yaada jedhu ministeera barnootaa irraa itti dhufe mormuun hiriira bahaa jirra. Gaaffin keenya:
1) Bartootni Yuuniversitii hundi waggaa tokko gad bahee barsiisa jechuun maal jechuudha?
●Maal barsiisna?
● Eessatti barsiisna?
●Maallaqa waggaa tokko ittiin jiraannu eessaa arganna?
2) Guutuu baratoota yuuniversitii gad baasanii akka barsiisan gochuun akeekni isaa maali?
●barumsa baranne barsiisnaa?
●Barataan yuuniversitii hundi barsiisummaa baratanii?
● siyaasa barsiisnaa?
●waggaa guutuu Tola ooltummaa barsiisuuf maallaqa eessaa fuuna?
● Biyyi itoopiyaa keessa lafti nagaa qabu tokko hin jiru, eessa deemnee barsiisnaa fi kkf kan jedhu gaafachaa jirra.
Mootummaan humna dabalataa eebbifame gara hijiitti fiduu waan hin feeneef malaan University keessatti nu hidhuu barbaada fakkata.
Baajata barumsaaf baruuf barsiisuf oolu waan hin jirreef malaan nu facaasuu wan barbaadanis nutti fakkaata.
Murtiin kuni jireenya keenya, yeroo keenya, maatii keenya, biyyallee balaarra buusa. Sagalee nuuf ta’aa!
#Gamtaa_Barattoota_University
DownDown
Sayno











