Yuuniversiitii Finfinnee irraa:
Dhaamsa kana qiilleensa irra nuuf oolchaa! Waggoota torban darbanii as waan barataan biyya kanaa tahe dubbachuuf namatti ulfaata. Namni tokko kan baratu jijjiiramee, maatii isaa fi biyya isaa jijjiiruuf barata.
Garuu waggoota torban dabarsine kana barataan biyyichaa guutummaatti kabaja dhabe. Baratee fixee yoo GPA 4 fides sirna kana jala hin deemu tahee uummata isaa qixa sirriin tajaajiluu barbaada yoo tahe bakka hin qabu. Xumurri isaa maatii waggoota 16 oliif sabbati aayyoo itti hiikkatee barsiise, maatiin qabeenya qe’ee isaa itti duguugee erga barsiisee fixeen booda deebi’emaa maatii biratti gala.
Dhumni isàa mootummaan waraanaatti humnaan erguu yoo dide immoo maatii jalatti ajjeessa. Kun waan barataan waggoota 7,n darban kana keessa jiruu dha.
Rakkoo hamaa kan tahee dhufe immoo dhimma barattoota waggaa sadaffaa keessa jirruu irratti waggaan seeraan alaa barattaa irratti dabalamee gadi bu’ee dha. Nuti barattoonni yaada kan hin fudhannu; ni morminas. Barataa maaatiin waan ittiin barsiisuu dhabe akkamiin waggaa dabalataa nurratti lakka’ama?
Dhaamsa_xumuraa_Barattootaaf.
Nuti barattoonni ammaan booda miidhaa mootummaan kun nurratti raawwachaa jiru baachuu hin dandeenyu. Qabsoo kana xumuruuf akkuma kanaan duraa sana barataan gahee ol’aanaa qaba. Waan jalqabne kana hanga inni xumura argatutti dhiifne manatti deebi’uu hin qabnu.
Justice_for_Oromo_Students.
#ANIS_Barataadha!
#sayno
