• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Baha Aanaa Heexosaa keessatti waraanni faashistii PP dargaggoota 2 haala suukanneessaan ajjeesuun dhaga’ame

Nov 25, 2025

ONM-ABO Sadaasa 25, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaa ganda Hurxumaa Dambii keessatti sirna dhableeyyiin waraana impaayera Itiyoophiyaa gochawwan gara jabinaa isaanii uummatatti agarsiisuu itti fufuun dargaggoota lama badii tokko malee ajjeesuu jiraattonni araddaa Hurxumaa Dambii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Namootni murna kanaan ajjeefaman, dura bu’aa Masjiidaa kan ta’e nama maqaan isaa:

  1. Ibraham Jamaal  fi
  2. Caalaa Bashir 

kanneen jedhaman ta’uu kan himan jiraattonni, yakka tokko osoo hin qabaanne, maallaqa ijaarsa masjiidaaf walitti qabamee jiru dirqama nuuf liqeessuu qabda jechuun kan gaafatan ta’uu fi inni ammoo maallaqni kun kan dhuunfaa koo miti liqeessuu hin danda’u jechuun diduu isaa hordofee halkan saa’a 2:00 keessa mana isaatii fuudhanii deemuun daandii gubbaatti ajjeesanii gatuu jiraattonni dabaluun dubbatu.

Uummata ofii dafqee dhama’uun bu’aa dadhabbii isaatti dhimma ba’u saamuun bartee kan isaaniif ta’e waraanni gabroomfataa PP maaliif qabeenya itti dafqitee horatte saamamuu mormitaa fi qabeenya ijaarsa mana amantaaf uummanni walitti qabatee qabu akkamiin nu dhowwattaan qofa lubbuu qulqulluu galaafachuu isaanii jiraattonni miira gaddaan dabaluun eeranii jiru.

Sirni dadhabaa fi dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasu malee hin ijaaramne, bineeyyii gara jabinaan guutaman kumaatamaan leenjisuun Oromiyaatti bobbaasee lubbuu ilmaan qaqqaalii kitilaan dhabamsiisaa jiraachuun dhugaa mul’ataadha.

Leave a Reply